Prezdaant Donald Tramp Waraana Ameerikaa Afgaanistaan keessa jiru daaw’ate
Prezdaant Tramp aangoo eega qabatee asitti kaleessaa yeroo jalqabatiif gara Afgaanistaan kan imale yoo tahu, loltoota Ameerikaa buufata waraana Bagram jedhamu keessa qubatan daaw’atee jira. Tramp daaw’annaa isaa kana ilaalchisee haaya godhe keessatti, Ameerikaa fi Xaalibaan marii nageenyaa addaan kutanii turan jalqabuu isaanii beeksise.
Donald Tramp marii nageenyaa kanaan “Gareen Xaalibaan walii galtee nageenyaa mallatteessuuf fedhii qabaatus, yaada dursanii dhukaasa dhaabuu didaa ture; nuti ammoo walii galtee nageenyaa mallatteessuun duratti dhukaasni dhaabbatuu qaba jechaa turre; haaluma kanaan marii amma jalqabneen Xaalibaan yaada kana yoo fudhate walii galtee xumuraa irra ni geenna jedheen yaadaa”jechuun ibse.
Ameerikaa fi Xaalibaan marii nageenyaa kanaan dura ji’oot 11 guutuu Qaxar keessatti geggeessaa turaniin, maricha milkiin goolabuuf wixinee walii galtee qopheessanii turan. Haata’u malee haleellaa September dabre gareen Xaalibaan loltoota Ameerikaa irratti raawwate hordofuun, Prezdaant Tramp Ameerikan marii nageenyaa xumuramuuf dhihaate sana addaan kutu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Donald Tramp imala dhoksaan halkan kaleessaa gara Afgaanistaan godhe kanaan, Prezdaantii biyyattii Ashiraf Ghaanii waliin kan mari’ate tahuunis beekamee jira. Haata’u malee ajandaan mrii hoggantoota lamaanii maal akka ture hin ibsamne.
Tramp turtii Sa’aa lamaa fi walakkaa booda qofa Afgaanistaan keessaa bahuun gara Ameerikaatti kan qajeele tahuus odeeyfannoon ni addeessa.