Sa’uudiin liqaa doolara milliyoona dhibba tokko fi miiliyoona 40 Ityoophiyaa kennuuf waadaa galte
Jilli hogganaa Fandii Misoomaa Sa’uudii Dr. Khaalid Alkudeeriin durfamu Ityoophiyaa kan daaw’ataa jiru yoo tahu, har’aa muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahmad waliin dhimmota Investimantii fi hujiiwwan misoomaa Ityoophiyaa keessatti geeggeeffamaa jiran ilaalchisee kan mari’atan tahuu gabaafame.
Marii Waajjira muummicha ministeeraatti geggeeffame kanaan, dhaabbanni Fandii Misooma Sa’uudii liqii maallaqaa milliyoona dhibba tokko fi miiliyoona 40, kan ijaarsa daandii, qulqullina naannoo fi dhiheessii bishaaniitiif oolu kennuuf waada kan gale tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Haaluma kanaan Dr Khaaliid Alkuuderii fi Ministeerri Maallaqaa Obbo Ahmad Shidee walii galtee kana kan mallatteessan tahuu waajjirri muummicha ministeeraa beeksise.
Dabalataanis Dhaabbanni Acwa Power jedhamu projektiiwwan misooma anniisa aduu irraa maddu, kan naannolee Affaar fi Somaalee keessatti ijaaramaa jiran deeggaruuf, Kaampaanii Elektrikii Ityoophiyaa waliin walii galtee kan maallatteessan tahuu ibsame.
iftu