Waajjirri muummicha ministeeraa marii Koree furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa fi Majliisa waliin geggeefame ilaalchisee ibsa baase
Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad guyyaa kaleessaa gaaffilee hawaasni muslimaa kaasaa ture ilaalchisee, koree furmaata barbaadduu Hawaasa fi Hooggantoota Majliisaa waliin marii eega geggeessee booda, qabxiilee marichaa fi kallattii furmaataa kaayame ilaalchisee guyyaa hardhaa ibsa baasee jira.
Haaluma kanaan gaaffilee fi rakkoo hawaasa muslimaa bu’uura irraa furuudhaaf Koreen miseensota 9 qabu, Koree furmaata barbaadduu Hawaasa Muslimaa irraa nama 3, hooggantoota Majliisaa irraa nama 3 fi akkasumas nama 3 immoo jaarsotaa fi hayyoota garee lamaan irraa walaba tahan miseensa godhuun kan hundeefame tahuu ibsi bahe ni ibsa.
Ibsa kana irratti Koreen hundeeffame kun rakkoo hawaasni muslimaa qabu qoratuun, kallattii furmaataa waliin akka dhiheessu, Akkasumas Majliisni haala muslimoota hunda hammachuu danda’uu fi karaa iftoomina qabuun akkamitti ijaaramuu akka danda’u qoraannoo fi muuxannoo biyyoota biraa waliin akka dhiheessu itti gaafatamummaan kan itti kenname tahuu mul’isa. Hawaasni muslimaatis sochii nagaya buusuuf biyyattii keessatti jalqabame mirkanneessuuf gahee isa irraa eegamu akka bahuuf waamichi godhameera.