header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofuun lakkoofsi namoota biyyattii keessatti ajjeefamanii 239 gahuu ibsame

Komishiiniin Poolisii Oromiyaa “”Jeequmsa naannicha keessatti uumameen poolisoonni 9, milishoonni 5 akkasumas lammiileen nagayaa 215 lubbuu dhabanii jiru” jedhe. Komishinii Poolisii Oromiyaatti Hogganaan Poolisii Idilee Musxafaa Kadir ibsa kenneenn, namoonni 3,500 tahan ammoo jeequmsa uumame kanaan shakkamanii to’annaa jala olfamuu hime.

Kana dura magaalaa Finfinnee keesatti namoonni 10 ajjeefamu poolisiin magaalattii ibsee ture. Haaluma kanaan ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti torbee dabre raawwatameen booda, hiriira mormii geggeeffame hordofuun lakkoofsi namoota ajjeefamanii 239 gahuu odeeyfannoon ni addeessa. Akka qondaaltonni jedhanitti, namoonni kunneen humnoota nageenyaa fi walitti bu’iinsa namootaa jiddutti uumameen ajjeefaman.

Dabalataanis lubbuu namaa dabreen alattis qabeenyi namoota dhuunfaa fi mootummaatis barbadaayuu ibsame.

Ajjeechaa Haacaaluu hordofuun mootummaan Ityoophiyaa Obbo Jawaar Muhammad, Hamzaa Booranaa, Baqqala Garbaa, Mikaa’el Booran dabalatee hoggantoota siyaasaa, Gazexeessitoota fi Aktiivistootaa heddu hidhee jira. Kana malees, mootummaan midiyaalee “walitti bu’iinsa sabaa kakaasan”jechuun yakke jidduu OMN cufuun, kanneen biroo sadii immoo akeekkachisee jira.

Gama biraatiin ammoo Dhalattoonni Oromoo guutuu addunyaa keessa jiraatan, ajjeechaa Hacaaluu irratti raawwatame fi hidhaa dargaggootaa fi hayyoota Oromoo irratti mootummaan biyyattii raawwataa jiru balaaleffatuun, mormii biyyoota gara garaa keessatti jalqaban hanga guyyaa har’aatti itti fufaniijiru. Mootummaan Ityoophiyaa Interneetii cufuun odeeyfannoon akka biyya irraa hin baane godhuu isaa ilaalchisee, UN dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa fi mootummoonni heddu yaaddoo isaanii ibsataa jiran.

5 Comments

  1. yaa raabbii jaba lammikkotif
    furmatta ladhuu
    🌏🌏🌏🌏🌏🌏🌏📢📢📢📢📢📢📢🖋🖋🖋sagaalee nuf tahaaaaaaa uuuuuuuuuuuuuu iyaa iyaa iyyaa iyyaaa dabarsaaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button