header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Ameerikaan Chaayinaa irra qoqqobbii keette

Mootummaan Ameerikaa ‘Yukreen weeraruufi Filannoo Ameerikaa keessa harka naqachuu’ sababaa jedhuun Raashiyaa irra qoqqobbii kaayee ture.

Haa ta’u malee Chaayinaan qoqqobbii Ameerikaan Raashiyaa irra keette kana cabsuudhaan, dhiheenya kana Jeettii waraanaa 10 fi Ittisa misaa’elaa S-400 jedhamu Raashiyaa irraa kan bitte yoo tahu, Kanuma hordofuun Ameerikaan kaampaaniiwwan Chaayinaa kan meeshaa waraanaa oomishuudhaan beekkamanii fi qondaaltota tikaa 33 kanneen bittaa meeshaa waraanaa kana raawwachiisan irra qoqqobbii cimaa keettee jirti.

 

Turkiyaa fi Indiyaan Ittisa misaa’elaa S-400 jedhamu kana bitachuudhaaf Raashiyaa waliin waliigaltee kan xumuran yoo tahu, qoqqobbiin Ameerikaan Moskoo irra keette kun walii galtee kana kan danqe tahuu gabaasni  Aljaziiraa ni addeessa.

 

Chaayinaan Juma’aa har’aa ibsa baasteen, Ameerikaan qoqqobbii kana hatattamaan yoo kan hin kaasne tahe, tarkaanfii cimaa  fudhachuun haloo kan baatu tahuu akeekkachiiste. Raashiyaan gama isiitiin Ameerikaan gabaa meeshaa waraanaa keessaa nu baasuudhaaf yaalaa jirti, kun ammoo “ibiddaan taphachuudha”jette.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button