header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaan hogganaa ol’aanaa waraana Iiraan Jeneraal Qaasim Suleeymaani ajjeeftee

Ameerikaan haleellaa drooniin ganama har’aa buufata xiyyaaara Bagdaad keessatti raawwatteen, hogganaa ol’aanaa waraana Iiraan (IRG) Jeneraal Qaasim Suleeymani fi waahila isaa ajajaa milishoota Iiraaq Abu Mahdi Al-Muhandis kan ajjeefte tahuun beekamee jira. Jeneraal Qaasim Suleeymani Iraan keessatti qondaaltota Waraanaa fi Siyaasaaa hunda caalaa nama dhageettii guddaa qabu yoo tahu, humna waraana biyyattii cimsuu keessattis gahee guddaa kan qabu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Iraan ajjechaa hogganaa waraana isii irratti raawwatame ilaalchisee ibsa baasteen, Jeneraal Qaasim Suleeymani walitti bu’iinsa Ameerikaa fi hidhattoota Iraaq jiddutti hammaataa dhufe ilaalchisee, qondaaltota mootummaa Iraaq waliin mari’achuuf gara biyyattii kan seene tahuu ibsuun, ajjeechaa kana haaloo bahuuf dhaadatte.

Waajjirri ittisa Ameerikaa Pentagon gama isaatiin dhimmicha irratti ibsa kenneen, Jeneraal Qasim Suleeymani ajaja Prezdaant Traampin kan ajjeefame tahuu mirkaneesse. Haaluma wal fakkaatuun Waayit Haawus ibsa baaseen, “Jeneraal Qaasim Suleeymani dhaabbilee fi humna Waraana Ameerikaa naannichatti argamu irratti haleellaa hamaa raawwachuuf sochii irra osoo jiru, tarkaanfiin irratti fudhatamee jira”jedhe.

Ameerikaan dhuma ji’a dabree haleellaa rokkeetii buufata waraana isii Iiraaq keessatti argamu irratti raawwatameen loltuun tokko ajjeefamuu ibsuun, haleellaa haaloo bahuu hidhattoota Iiraaq mootumma Iraaniin deeggaraman irratti raawwatteen loltoota 25 ajjeefte. Kanuma hordofuun lammiileen Iiraaq guyyaa sadi dura Imbaasii Ameerikaa Bagdaaditti argamutti ibidda qabsiisuun ni yaadatama.
Ameerikaan haleellaa Imbasii isii Bagdaaditti argamu irratti dheengadda mormitoonni raawwatan dabalatee, sochiilee farra Ameerikaa baha jiddu galeessaa keessatti babal’ataa dhufe Iiraantu qindeesse jechuun yakkaa turte.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button