header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaan Kirkira lafaa Indoneezhiyaa Iddoola Sulawesi rukute yoo xiqqaate namoota 400 galaafate

Kirkirri lafaa hamaan Maagnitiyuudii 7.5 ta’e  Jum’aa halkan magaalaa Paaluu fi naannawa isii kan rukute yoo tahu, kanuma hordofuun danbaliin galaana irraa ka’e magaalattii kirkira lafaatiin barbadoofte lolaadhaan kan uwwise tahuu qondaaltonni Indoneezhiyaa beeksisan. Magaalaan Paaluu Jiraattota 350,000 kan qabdu yoo tahu, qarqara galaanaatti argamti.

 

Ejensiin Ittisa balaa biyyattii Sabtii har’aa ibsa baaseen, yeroo ammaa magaalaa Paaluu kessatti humni elktrikaa fi sararri telefoonaa waan barbadaayeef, namoonni kuma dhibbatti lakkaahaman haalli keessa jiran hin beekamu jedhe. Hospitaalli magaalaa Paaluu keessa jiru gamoon isaa hanga tokko kan jige tahus, namoota miidhamaniin kan guutame tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

Mootummaan Indoneezhiyaa, daandiin gara magaalatti geessu cituu, akkasumas buufatni Xiyyaaraa magaalaa Paaluutti argamu cufamuu isaatiin, carraaqqii lubbuu namaa baraaruu rakkisaa kan godhe akka tah’ee fi lakkoofsi namoota balaa kanaan miidhamanii daran dabaluu mala sodaa jedhu kan qabu tahuu beeksise. Prezdaantiin Indoneezhiyaa Jokoo Widoodoo, waraanni biyyattii gara Iddoola Sulawesi imaluun duula lubbuu baraaruu akka geeggeessuuf kan ajaje tahuu hime.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button