header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Gamtaan Awurooppaa Miyanmaar irra uggura cimaa kan kaahu tahuu akeekkachiise

UN torbee dabre keessa Mootummaan Miyanmaar  muslimoota Rohongiyaa 400,000 ol tahan, kanneen biyyattii keessatti hafan irratti duguuggaa sanyii raawwataa ture ammas kan itti fufe tahuu ibsuun, biyyoonni addunyaa hatattamaan tarkaanfii cimaa akka fudhatan akeekkachiisuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofuun gamtaan Awurooppaa komishiinii dhimmicha qoratu dhaabuun gara Miyanmaar erge.

 

 

Qondaaltonni Gamtaa Awurooppaa daawwannaa Miyanmaar keessatti guyyaa afuriif godhan eega xumuranii booda ibsa kennaniin, dararaan Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatamu ammas kan itti fufe tahuu ibsuun, Gamtichi Miyanmaar irra adabbii cimaa akka kaahu gaafatan. Komishiinarri Daldala gamtaa Awurooppaa Anna Cecilia Malmstrom ibsa kenniteen, “Miyanmaar dararaa Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwattu hatattamaan yoo kan hin dhaabne tahe, uggurri daldalaa biyyattii irra kaahamuu mala”jette.

 

Miyanmaar gamtaa Awurooppaa waliin hariiroo daldalaa cimaa kan qabdu yoo tahu, keessumaahuu oomisha huccuu qaraxaan ala gara Awurooppaa kan ergitu tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Gamtaan Awurooppaa kanaan duras qondaaltota waraana Miyanmaar muraasa irra uggura kaaheen, qabeenyi biyyoota Awurooppaa keessaa qaban akka hin sochoone akkasumas Viizaa biyyoota gamtichaa akka hin arganne murteesse.

EU uggura Miyanmaar

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button