header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamanii miiliyoona 25 dabre

Weerarri Vaayirasii Koroonaa ji’a 8 dura Chaayinaa magaalaa Wuhaan jedhamtu keessatti ka’a hanga ammaatti gutuu addunyaa keessatti namoota miiliyoona 25 fi kuma 200 ol qabee jira. Lakkoofsi namoota sababa vaayirasii kanaatiin du’anii ammoo kuma 847,000 dabree jira. Gama biraatiin ammoo namoonni miiliyoonni 17.5 ol dhibee kana irraa fayyanii jiru..
Yeroo ammaa Ameerikaa, Biraaziil, Indiyaa fi Peeruun lakkoofsa namoota vaayrasichaan qabamaniitiin wal duraa duubaan sadarkaa 1 hanga 5 irra jiru.
Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 6.1 ol vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuu namoota 186,875 darbee jira.
Biraaziilitti ammoo namoonni miiliyoonni 3.8 Covid -19 yoo qabaman, namoonni 120,000 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.
Hindittis namoonni miiliyoonni 3.5 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota 63,864 darbeera.
Peeruuttis namoonni kumni dhibbi 6 ol vaayrasichaan yoo saaxilamaan, kumni 28 ammoo lubbuu isaanii dhabanii jiru.
Ityoophiyaattis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 49,654 akka dabree fi namoonni 770 sababa vaayirasichaatiin du’uu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button