header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa gamtaan waraana biyyoota Arabaa magaalaa Sana’aa keessatti raawwateen lammiileen Yaman heddu ajjeefaman.

Haleella Arba’aa har’aa gamtaan waraana biyyoota Arabaa Sa’udiin durfamu Xayyaarota waraanaatiin buufata Poolisii magaalaa Sana’aa keessatti argamu irratti raawwateen, hidhamtoota dabalatee namoonni 39 akka ajjeefamanii fi namoonni 90 ol tahan ammoo kan madaayan tahuu gabaasni Rooytarsi gabaaseera
Hoggantoonni buufata Poolisii kanaa akka jedhanitti, Xayyaaronni waraana gamticha yeroo torba deddeebi’uun buufata Poolisii kana kan haleelan akka tahee fi namoonni 180 ol tahan buufata kana keessatti hidhaa irra kan turan tahuu himan. Hanga ammatti reeffii namoota 35 gamoo barbadaaye jalaa kan baafame tahuu gabaasni kun ni addeessa.
Gamtaan waraanaa biyyoota arabaa Sa’udiin durfamu Yaman keessatti haleellaa finciltoota Huusii irratti raawwataa jiruun lammiileen nagayaa kuma heddutti lakkaayaman kan ajjeeffaman tahuun gabaafameera. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button