header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaan Hidhattoonni Naannoo Somaalee Magaalaa Mooyyaalee keessaatti raawwatan hammaatee itti fufee jira

Hidhattoonni naannoo Somaalee Isniina dabre irraa jalqabee Magaalaa Mooyyaalee keessatti lola hamaa kan jalqaban yoo tahu, lolli kun hanga guyyaa har’aatis kan itti fufe tahuun beekamee jira. Hidhattoonni kunniin meeshaalee waraanaa gurguddaan, ummata irratti haleellaa kan raawwataa jiran tahuus odeeyfannoon jiraattota magaalaa Mooyyaalee irraa arganne ni ibsa.

 

Akka jiraattaan magaalaa Mooyyalee irra guyyaa hardhaa dubbisne jedhutti, haleellaa hidhattoota naannoo Soomalee kanaan guyyaa hardhaa nama shan kan ajjeeffamee fi nama sagal ammoo kan madaawe ijaan arguu nuu hime.  Dabalataanis, Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankiin daldala Ityoophiyaa daamee Quxxabaa fi Baankiin Bunaa gutumaa guututti hidhattoota naannoo Soomalee kanaan saamamee jira jedhe.

 

Akka Jiraataan magaalaa Mooyyalee irraa dubbisne nuuf himetti,  Hanga guyyaa har’aatti ummatni yeroo hidhattoota kana of irraa qolachuuf yaalu, waraanni Makkalaakayaa jidduu seenuun  namoota  heddu kan ajjeese tahuu hime.  Jiraataan kun, “Miseensonni  waraana makkalaakayaa naannicha jiran warra March dabre duguggaa sanyii magaalaa Mooyyalee keessaatti dhalattoota Oromoo irratti raawwatanii turan yoo tahan, ammas ajjeechaa wal fakkaatu lammiilee Oromoo irratti raawwataa jiran”jechuun ibse.

 

Lola kanaan hanga ammaatti yoo xiqqaate  namoonni 40 ol haala sukkanneessaa taheen ajjeefamuun, dhibba tokkoo ol ammoo kan madaayan akka tahe odeeyfannoon ni mul’isa. Hidhattoonni naannoo Somaalee magaalaa Mooyyalee keessatti manneen jireenyaa fi daldalaa ibiddaan kan barbaadeessaa jiran yoo tahu, lola kana hordofuun lammiileen kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqifamuun gara Keeniyaa fi aanaalee godina Booranaa adda addaa kan baqatan tahuu odeeyfannoon achi irraa arganne ni addeessa.

 

Akkasumas lammiileen buqqa’aanii iddoo adda addaatti argamanis rakkoo hamaaf saaxilamuu, maatiiwwan adda faca’aanii eessa akka jiran kan quba wal hin qabne akka tahee fi haga ammaatti qaama mootummaa naannoos tahee kan Federaalaa irraa deeggarsi kan hin godhaminiif tahuus namoota buqqifaman irra hubatuun danda’amee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button