Halkan Dheerate: Kutaa 2ffaa

Gandi warra iftuu gama diinagdeetiin woyyaa qaba. garuu gama nageenyaatiin hamaadha. galgalli hundi galgala rakkinaati. qe’een isaanii yeroo hunda ganda balaati. Abbaan iftuu obbo Abdiin araada hamtuu takka qaba. qabeenya maatiin isaa jiruu qananii ittiin jiraachuu danda’u inni farshotti fixa. guyyaa hunda galgala farshoo dhugee gandatti galee maatii waliin dhaha. salaataa fii ibaadaa Rabbii takkallee harkaa hin qabu. garuu maatiin isaa hundi maatii nagayaati. isaa hamaa amala fokkataa qabu kanarraa Rabbiin ilmaan gaggaarii baase. Rabbiin akka fedhe dalaga. galgala kana akkuma amala isaa farshoo dhugee galee maatii waliin dhahutti jira. ilmaan isaa kakkabalee shimala fudhatee duyda haadha iftuu irra gad kaaye. badiin isaa heddummaannaan ilmaan ollatti iyyachuu eegalte. iyya ijoollee dhageennaan haati ibraahiim fii ibraahimis fiigichaan gara ganda abbaa iftuu dhufan. ollaan birootis walitti yaa’e.

 

Mudannoon kun waan haarayaa miti. amalli abbaa iftuu akkana tahuu ollaan hundi ni beeka. ijoolleenis yeroo heddu iyyanii ollaa yaammatu. guyyaan inni osoo hin machaayin gara gandaa gale hin jiru. guyyaan inni maatii nagayaan bulches hin jiru. manni keessa jiraatan akka mana magaalaa tahee kutaa tokko keessatti galanii jalaa cufachuunis hin taatu. manni baadiyaa mana citaati. balballi guddoon manaan ol seenanuu irkisaan dhaabatti. kanaaf malli isaan qaban yoo rakkoon humnaa ol itti taate ollatti iyyachuu qofa. ollaanis waahee obbo abdii humaa mala itti dhabe. namni isa hin gorsin hin jiru. namni isaan hin lolin hin jiru. salaata salaati jedhanii kadhatanii dadhaban. waan farshoo isa biratti dubbannaan balaa buusa. kanaaf namni isatti waa dubbachuu hifatee jira. sababaa amala isaa namni intala irraa fuudhuu fii ilmaan isaatittis intala heerumsiisuu jibbeera. ilmaan isaa keessaa namni fuudhee fii heerumes hin jiru. hunduu ganduma isaa keessatti cinqaa isarraa dhuftu itti obsee jiraata. ollaan ganda isaatti yaa’e hanga takka dubbii tasgabbeessee biraa dacha’e. innis osoma gungumuu hirribni fudhate. haati ibraahimii fii ibraahimis ka’anii gara ganda isaanii deebi’an. yeroo kanatti halkan keessaa sa’aa 7 ni ta’a. haati ibraahim wudu’a gootee leeylii dhaabbachutti kaate. ibraahimis hedduu waan dadhabee jiruuf obboleewwan isaa cinaan irkatee haadha ofii ija keessa laala. haati eega salaattee booda du’aa’ii goochutti seente. imimmaan ija isii keessaa dhangala’uun fuulli isii jiidhee jira. wanti isiin jettee du’aa’ii gootu hin dhagahamu. ibraahim haala haati itti jirtu laalee gammachuun of wollaale. gaafa inni kutaa 7ffaa baratu haati ibraahim salaatumaa akkuma itti tole gooti. yoo feete ni salaatti; gaafa barbaadde hin dhiisti. gandi keessa jiraatanis baadiyyaa waan taheef barumsi diinii gahaan hin jiru. boodarra sheekhni tokko ganda sanitti galee ganda iimaanaan ijaare.

 

Sheikh Aadam nama akhlaaqa gaarii qabu kan Rabbiin waa hundaan bareeche. Rabbiif jecha maatii ofii fudhatee ganda dukkanni wallaalummaa miidhe kanatti galee hawaasa dhangaa diinii irraa quubsaa jira. eega inni ganda kanatti galee jiruun nama hundaa jijjiiramte. namni dur waanuma xiqqoo irratti wal dhabee ganamaa galgala gadoo wal irraa bahuuf wal eeggatu hundi amma qalbii walii qulqullaayee jiruu qananii jiraata. hawaasni ganda sanii waan qabu walitti buusee masjiida ijaaratee achi keessatti beekumsa ilmii Sheikh Aadam fuudhee achittiiin gale irraa qooddata. namni waa irratti wal dhabe qajeeluma Sheikh Aadamitti dhufa. Sheikh Aadamis beekumsa Rabbiin kenneef fayyadamee, hadiisaa fii qur’aana Rabbii daliila godhatee hukmii godhaaf. guyya guyyaa gaaddisa muka masjiidaan cinaa jiruu jalatti nama araddaa hunda walitti yaamee barsiisa. halkanis magribaaf ishaahii jiduu faanosaan masjiida keessatti qaraasisa.  ijoollee fii manguddoonnis Sheikh Aadam jalatti galanii ilmii irraa baratan. haati ibraahimis eega Sheikh Aadam irraa qara’uu eegaltee jijjiiramte. salaata isii yeroo irra hin dabarsitu. abbaan ibraahiim immoo Sheikh Aadam biraayyuu socho’ee hin beeku. yoo sheekhni manaa bahee ganda nama biroo ziyaaraaf deemus akka sahaabonni Rasuula jala deemtutti jala deema. yeroo ofii dheeraa sheeka wajji dabarsa. waan sheekaaf barbaachisu hunda sheekni mallaqa itti kennatee inni magaalaa deemee bitaaf. yeroo hunda hojiin isaa guddoon kidmaa sheeka isaati. ibraahim ciisee haala jiru hunda yaadataa haadha ofii ija keessa laala. du’aa’ii gootee geessinaan gama ibraahim as garagaltee isa wajji haasawuu eegalte. “ Garuu mootummaan akkamitti Sheikh Aadam hidhuu dhabe?” jedhee gaafate ibraahim; “ yeroo 3 ol hidhanii turan, ummanni gandaa hundi karatti yaa’ee karaa makiinaa cufe, eega nu fixxanii booda fuutanii deemtan malee osoo nuti lubbuun jirru isa fuutanii hin deemtan jedhanii irraa baasan yeroo sadiinuu. abbaa kee immoo inni magaalaa deemnaan achitti arganii qabatan” jetteen. “ Amma waahee isaa kana maal goona? akkamitti dhaynee gaafanna?” jedhee gaafate ibraahim “Rabbuma kadhannaafii dhiisi. Islaamummaaf jecha hidhamuun eessaa argamti?” jetteen ibraahim haala haadha isaa irraa hedduu ajaa’ibe. osoo jireenya cinqaa akkasii keessa jirtuu obsi isii nama ajaa’iba. “Alhamdulillaah” jedhee Rabbii isaatiif galata galche ibraahim. “ amma mee rafi ibroo kiyya; ganama ka’ee ganda namaa dhaqee rizqii waa isinii barbaadaa” jetteen, “ laa aayyoo, ganama waliin baanee midhaan xiqqoo binnee daaysifna; mallaqa xiqqoo waan barumsarraa naa hafe harkaa qaba” jedheen. haati ibraahim hedduu gammadde, tahus garuu isiin ammas waan biroo yaaddi. “ mallaqa san akkasumatti kaayi ibroo kiyya, gaafa deemtu ittiin deemta; gaafas an eessaa fidee si geegessa” jetteen. “ abshir aayyoo, sanis kophamatti harkaa qaba. hin yaaddawin” jedheen. achi booda haati ibraahim faanosa dhaamsitee ciciisan.

Comments
Loading...