header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Hundessaan dhaabbata WikiLeaks Julian Assange too’annaa poolisoota UK jala ooluu gaabaafame

Dhaabbanni WikiLeaks icitiiwwan biyyootaa fi hoggantoota gara garaa saaxilaa kan ture yoo tahu, kanuma  hordofuun Ameerikaa dabalatee biyyoonni heddu hundeessaa dhaabbatichaa Julian Assange irratti himannaa adda addaa banuun seeratti akka dhiyaatu yaalaa turan.  Julian Assange garuu himannaa isarratti baname hunda “maqa balleessii fi kan haaloo bahuu irratti hundaaye”jechuun,  waggaa torba dura Imbaasii Ikuwaadoor magaalaa London  keessatti argamutti dahatee jiraataa ture.

 

Haata’u malee ji’a dabre keessa dhaabbanni WikiLeaks walii galtee Ikuwaador waliin seene cabsuudhaan iccitii hoggantoota biyyattii eega saaxilee booda, mootummaan Ikuwaadoris kanaan booda koolu galtummaa Mr Julian Assange kan mulqu tahuu ibsee ture.

Kanuma hordofuun guyyaa har’aa Wajjirri ministeera biyya keessaa UK Mr Assange too’annaa jala kan oole tahuu mirkaneesse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button