header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo BiyyaaUSA

Imbaasiin Ameerikaa magaalaa Finfinneetti argamu sagantaa Ifxaaraa qopheesse.

Sagantaa Ifxaaraa galgala har’aa Imbaasichi qopheesse kana irratti miseensoonni koree furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa kan afeeraman yoo tahu, Ustaaz Injinar Badruu Huseen, Ustaaz Kaamil Shamsuu fii Keessummooni birootis Saganticharratti argamaniiru. Ustaaz Abubakar Ahmad umraadhaaf waan imaleef sagantaa Ifxaaraa kana irratti hin hirmaanne.

 

Sagantaa Afeerraa Ifxaaraa kana irratti Ustaaz Injinar Badruu Huseen koree furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa bakka bu’uun, Gaafiiwwan mirgaa hawaasni Muslimaa kaaseefi, tarkaanfii mootummaan Ameerikaa  magaalaa Al-QUDSI ilaalchisee fudhate irratti yaada kennee jira.

 

Injinar Barduun  “Nuti Muslimoonni Ityoophiyaa biyya teenya keessatti mirga guutuu barbaanna. Sochiin muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad jijjiiramaaf godhaa jiru, Hawaasa Muslimaatis kan hammate akka tahu Mootummaan Ameerikaa dhiibbaa akka irratti godhu gaafanna”jedhe.  Dabalataanis dhimma Magaalaa AL-QUDS ilaalchisee; tarkaanfiin bulchiinsi Traamp fudhate kan Muslimoota Addunyaa guutuu dallansiise waan taheef, mootummaan Ameerikaa irra deebi’uun dhimma kana akka qoratu gaafatee jira.

 

Sagantaa Ifxaaraa kanarratti qondaaltota mootummaa, hayyoota adda addaatiifi hoggantoonni Majliisa mootummaa  kan argaman tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button