header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Indiyaan dachii Kaashimiir keessa warra hinduu qubachiisuuf seera haaraya labsite

Mootummaan Indiyaa finxaaleyyii hinduutiin hogganamu, waggaa tokko dura heera ofiin of bulchuu kutaa Kaashmiir diiguun, naannicha humna waraanaatiin bulchiinsa mootummaa jiddu galeessaa jalatti galchuun ni yaadatama.

Kanuma hordofuun ummanni Kaashimiir mootummaan Indiyaa aadaa fi amantii Islaamaa ummanni Kaashmiir hordofu balleesuuf, akkasumas Indiyaa irraa warra amantaa hinduu hordofan fidee naannicha keessa qubsiisuuf hojjataa jira jechuun mormii jalqaban. Mootummaan Indiyaa Fincila ummata Khaashmiir keessatti ka’e ukkaamsuuf intarneetii fi bilbila yeroo dheeraaf cufee turuun ni yaadatama.

Amma ammoo mootummaan Indiyaa karoora qubsuma ummata naannichaa (Demography) jijjiiruu hojitti hiikuuf, seera lafaa haaraya kan baase yoo tahu, akkaataa seera kanaatiin lammiileen Indiyaa amantaa hinduu hordofan dachii Kaashmiir keessa dhaabbataan akka qubsiifaman kan hayyamu tahuu ibsame.

Lammiileen Kaashmiir akka jedhanitti qondaaltonni Indiyaa Kaashmiir keessati moodeelii Israa’el hordofuu qabna yaada jedhu ifatti labsaa akka turan ibsuun, kana booda carraan ummata Kaashmiir akkuma ummata Falasxiin humnaan dachii isaanii irraa buqqifamuu akka tahe ibsaa jiran. Seera kana mormuunis guutuu Kaashmiir keessatti Sabtii har’aa irraa jalqabee lagannaan hojii fi gabaa kan geggeeffamaa jiru tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

4 Comments

  1. yaa rabbi ati ummata islamati tumssi laa ilaah illa inta subanaka inna kuntu minalzalimin🤲🤲🤲🤲🤲

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button