header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Finfinneetti Lakkoofsi Namoota COVID-19’n qabamanii 17,000 dabre

Biroon Fayyaa magaalaa Finfinnee Walumaagalatti jiraattoota magaalichaa 300,547 qorannoon COVID-19 godhamuu fi namoota 17,000 ol irratti Vaayirasiin kun argamu ibse.


Biriichi qorannoo sa’aa 24’n dabre jiraattoota magaalichaa 4,773’f godhameen namoonni 601 Vaayirasiichan qabamuu fi namoonni 14 du’u beeksise.

Odeeyfannoo biraatiin immoo sa’aa 24’n dabre keessatti guutuu biyyattiitti namoota 17,323, qorannoon godhameef jidduu namoonni 1,038 kan dhibee kanaan faalaman argamu mirkanawe.
Walumaagalatti biyyattiitti Lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii 27,242 gahu ragaan ministeera fayyaa irraa argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button