header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Mootummaan Chaayinaa dandeettiin dhibee ittisuu talaalliiwwan Covid-19 biyyattiin oomishtuu gadi-aanaa ta’uu amane

Qondaallii olaanaan to’annoo dhibee Chaayinaa Gahoo Fu akka himetti, talaalliiwwan Covid-19 biyyattiin oomishtu, dhibee kana namaarra ittisuuf “ga’umsa cimaa hin qaban” jedhe.

Gahoo Fu, Chaayinaan gahumsa talaalliiwwan kanaa ol guddisuuf talalliiwwan birootiin walitti makuu akka fala tokkootti fudhachuudhaaf yaada akka qabdus hime.

Chaayinaan talaalli kana biyyoota hedduuf maqaa ‘diplomaasii talaallii” jedhuun kennaa turte. Ityoophiyaan biyyoota talaallii “Sinovac” jedhamu kan kaampaniin Chaayinaa Siinoofaarm hojjate fudhatan keessaa takka yoo taatu, torban tokko dura talaallii kana doozii 300,000 deeggarsan mootummaa Chaayinaa irraa argachuu ministeerri fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa beeksistee turte.


Qorannoon Braaziil fi Chiilii keessatti geggeeffameen, gahuumsi talaalliiwwan Chaayinaan omishtuu hanga 50.4% gadi aanaa ta’uu ibsame.

Haata’u malee Gahumsa talaalli 50% kan to’attoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa eeyyaman kennuuf kan guutu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Talaalliin biyyoota lixaa kanneen akka BioNTech/Pfizer, Moderna ykn AstraZeneca fa’aan garuu milkaa’inni isaanii 90% fi isaa ol tahuu ragaaleen ni muldhisu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button