header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad daaw’annaa Suudaan xumuruun gara Finfinnee deebi’e

Jilli mootummaa Ityoophiyaa muummicha ministeeraatiin durfamu ganama har’aa gara Suudaan imaluun, haala nageenya biyyattii irratti qondaaltota mana marii waraana Suudaan fi gamtaa mormitootaa waliin mari’atee jira. Haata’u malee bu’aan marichaa maal akka tahe hanga ammaatti wanti beekame hin jiru.

 

Gama biraatiin ammoo Dr. Abiy galagala kana lammiilee Ityoophiyaa 78 kanneen manneen hidhaa  Suudaan keessa turan waliin gara biyyaa kan deebi’e tahuu ibsi Waajjira Muummicha Ministeeraa irraa bahe ni addeessa. Lammiileen kunniin namoota yakka adda addaatiin hidhamanii turan akka taheefi, carraaqqii mootummaan Ityoophiyaa ji’oota saddeetii ol godheen dhiifamaan kan gadi lakkifaman tahuu ibsame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button