Gaafilee Kurnan Zulhijjaah0% 2 votes, 4 avg 186 12345678910 Created on June 08, 2024 By nuuralhudaaZulhijjaahGaafilee guyyoota kurnan Zulhijjaatiin wal qabatanGaafilee guyyoota kurnan zulhijjaatiin wal qabatan bifa qormaataatiin. 1. Nabiyyallaah Ibraahim (AS) haadha warraa isaa Hajar (AS) fi ilma isii dachii tam keessatti dhiisee biraa deebi’e? A. Makkaah B. Falasxiin C. Masr D. Suuriyaa Nabiyyallaah Ibraahim (AS) haadha warraa isaa Hajar (AS) fi ilma isii dachii Makkaah keessatti dhiisee biraa deebi’e.2. Waggoota keessaa irra caaltuun guyyootaa guyyoota kami? A. Guyyoota ji'a Zulhijjaa kurnan jalqabaa B. Guyyoota ji'a Ramadaanaa kurnan boodaa C. Guyyoota Ji'a Ramadaanaa kuran duraa D. Guyyoota ji'a Muharram kurnan jidduu Guyyoonni caaltuu waggaa keessaa irra caaltuu guyyaa jedhamuun beekaman kurnan zulhijjaa kan jalqabaati.3. Magaalaan Baabiloon durii, ammaan tana biyya tam keessatti argamti? A. Suuriyaa B. Iiraaq C. Paakistaan D. Masr/Egypt Magaalaan Baabiloon durii yeroo ammaa biyya Iiraaq keessatti argamti4. Zulhijjaan akka Kaalaandara Islaamaatti ji’a meeqaffaadha? A. 1ffaa B. 9ffaa C. 12ffaa D. 5ffaa Zulhijjaan ji'a 12ffaadha5. Tawakkul jechuun maal jechuudha? A. dalagaa dhiistee Rabbi irratti irkachuudha. B. Waan dandeeysu dalagaa Rabbi irratti irkachuudha C. A fi B'n deebiidha D. Deebiin hin jiru Tawakkul jechuun, harkaan waan dandeeysu dalagaa Rabbirratti irkachuu jechuudha. haajaa kan siif guutu Rabbii guddaa tahus, ati waan dandeeysuun sochii godhuu qabda.6. Yawm al Arafaa kan jedhamu guyyaa meeqaffaati? A. Zulhijjaa guyyaa 8ffaa B. Zulhijjaa guyyaa 9ffaa C. Zulhijjaah guyyaa 10ffaa D. Zulhijjaah guyyaa 1ffaa Yawm al arafaan Zulhijjaah guyyaa 9ffaati7. Nabi Ibraahim (AS) ilma isaa gorra’uu akka qabu akkamitti beeksifame? A. Abjuu/Manaamaan arge B. Jibriiltu itti hime C. dhaamsa addaatu samii gubbaa itti lallabame D. Deebiin hin jiru Nabi ibraahiim (AS) ilma isaa gorra'uu akka qabu Abjuu/manaama addaatiin beeksifame. manaamni nabiyyii yeroo hunda manaama dhugaati.8. Guyyaan kurnaffaa kan ji’a zulhijjaa guyyaa maaliiti? A. Guyyaa iid al fixr B. Guyyaa Arafaa C. Guyyaa wareega itti qalan D. Guyyaa hajjii itti jalqaban Guyyaan 10ffaa guyyaa wareegaati9. Guyyaan ji’a zulhijjaa 8ffaan guyyaa maalii jedhamuun beekama? A. Yawm al-arafaa B. Yawm at-tarwiya C. Yawm an-nahr D. Yawm ad-diin Guyyaan 8ffaa Yawm at-tarwiyaa jedhamuun beekama.10. Muzdalifaan eessatti argama? A. Minaa keessa B. Arafaa gubbaa C. Minaafi Arafaa jidduu D. Ka'baa cinaa Muzdalifaan minaafi arafaa jiddutti argama.Your score isThe average score is 72%Qormaata kana nama birootiif sheer godhi! Facebook Twitter 0% IRRA DEEBI'I Yaada qabdu nuuf gumaachi!See review Yaada Nuuf Gumaachi!