AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Mootummaan Suudaan lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa jiran hiikuuf murteesse

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad guyyaa kaleessaa Daw’annaa hujiitiif gara Suudaan kan imale yoo tahu, marii guyyaa hardhaa Prezdantii Suudaan waliin godhe irratti, lammiileen Itoophiyaa sabaaba adda addaatiin Suudaan keessatti hidhamanii turan akka hiikaman gaafate. Haaluma kanaan Prezdaantiin Suudan Umar Hassan Al Bashiir hidhamtoonni lammii Itoophiyaa akka hiikaman kan ajaje tahuu Odeeyfannoon argame ni addeessa.