header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti bu’iinsa Dirree Dhawaa Keessatti umameen lubbuun nama 10 darbe

Guyyaa kaleessaa magaala Dirree Dhawaa ganda 09tti walitti bu’iinsa uumameen lubbuun nama 10 darbuu Komishiniin Poolisii magaalattii beeksise. Namoota du’an jidduu 4 daa’imman tahuun beekameera. Walitti bu’iinsa kanaan manneen heddu gubachu fi namootni lakkoofsaan hin beekkamne miidhamuu poolisiin ibse.

 

Namootni walitti bu’iinsa kana uumuun shakkaman too’annoo jala ooluu komishiiniin poolisii Dirree Dhawaa kan beeksise yoo tahu, buulchiinsi mootummaa naannoo Somaalee dargaggoorta qindeessuun magaalattii keessatti jeequmsa uumuuf socho’aa jiraatuu maddeen gabaasaniiru. Guyyaa afur dura liyyuu poolisiin naannoo Somaalee fi dargaggoonni mootummaa naannichaatiin qindaayan Dirree Dhawaa keessatti balaa uumuuf yeroo yaalan makkalaakayaa fi Poolisii Dirre Dhawaatiin too’annaa jala kan oolan tahuun beekameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button