Sagantaa Soora Qalbii kan qalbii isin booharsaa barumsa isinii dabarsu dhageeyfadhaa.
Sagantaa kana keeysatti
- Gabaasa Odeeyfannoo
- Qophii Siiraa Rasuulaa (SAW) Kutaa 3ffaa Darsii 25ffaa
- Tana Quba Qabduu? Biyyoota Umrii gabaabaa qaban kutaa 2ffaa
- Qophii Keeysummaa: Turtii Artist Falamataa Roorroo wajji goone
- Diraamaa Iccitii Jireenyaa Kutaa 15ffaa
Gabaasa Odeeyfannoo
Qopheessaan: Abbaas Ibnal Islaam
- Weerarri Liyyuu Poolisii Naannoo Somaalee hammaatee itti fufuu.
- Manni Murtii Masr YouTube ji’a tokkoof ugguruu
- Ustaaz Abubakar Ahmad masjiida naannawa Burraayyuutti diigamee fi tarkaanfii waraanni mootummaa hawaasa muslimaa irratti fudhate balaalefatuu.
- Gareen AfD jedhamu kan jibbaa Muslimootaa leellisu, hojjattoonni Muslimaa ji’a Ramadaanaa keessa hujii isaanii irraa akka ugguraman gaafatuu.
Odeeyfannoo guutuu sagantaa irraa dhageeyfadhaa.
Qophii Siiraa Rasuulaa (SAW) Kutaa 3ffaa Darsii 25ffaa
Qophii: Ustaaz Abu Abdallaah
Imala Rasuulaa (SAW) kan jalqabaa. Yeroo isaan Daldaltoota Qurayshii wajji imalan, Mudannoo Qeesicha biratti isaan mudatee, Seenaa Bareedduu haala Ajaa’ibaatiin qophaahe dhageeyfadhaa.
Tana Quba Qabduu?
Biyyoota Umrii Gabaabaa Qaban. Mootummaa Sa’aa 13 Qofaaf biyya bulche.
Qopheessaa Barruu: Abu Ibtisaam
Sagalee: Muhammad Siraaj
Qophii Keeysummaa
Qophii: Abduljawaad Ibraahiim
Gaafiifi Deebisaa Gabaabduu Artist Falmataa Roorroo wajji goone.
Falmataa Roorroo Yeroo ammaa kana Muuziqaa guutumatti dhiisee gama Qur’aanaa deebi’ee jira. Qur’aana guutuu qomatti qabatee Tafsiira Qara’utti jira.
Draamaa
Qophii: Abduljawaad Ibraahiim
Iccitii Jireenyaa Kutaa 15ffaa
Sagantaa Guutuu Dhaggeeyfadhaa.
Download Liink Xiqqaa Mobile Biyyaatiif Youtube Sagalee Qulqullina Qabu HD Download