header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Wal dhabbii Ityoophiyaa fi Eertiraa jidduu ture hiikuudhaaf koreen hundeeffame

Koreen kun dhaabbata miti-Mootummaa  Celebrity Event jedhamuun kan hundeeffame yoo tahu,  mataduree ” Kaka’uumsa Nageenya ummata Itoophiyaa fi Eertiraa”  jedhu  irratti hundaa’uun gara hojiitti kan seenu tahuu dhaabbatichi  ibse.
Dhaabbatichi rakkoon nageenyaa biyyoota lamaan jidduu yeroo dheeraaf ture, isa yaaddessuun furmaata barbaadaa akka turee fi amma immoo gama lamaanuu irraa koree hundeessuun kan sochii jalqabe tahuu ibse.
Obbo Yishaaq Yooseef gama Eertiraa irraa koree kana bakka bu’uun kan hirmaate yoo ta’u, kaayyoo koreen kun hundeeffameef ibseera.
Yeroo dheeraaf rakkoon biyyoota lamaan jidduu jiru biyyoota lamaan qofaan kan ilaalamaa ture akka ta’ee fi qaama walaba taheen hin Ilaalamne;  kun immoo rakkoo isaan jidduu jiru cimsee jira.  koreen amma hundeeffame kun immoo qaama lamaan irraa koree walaba taheedha jedhe.
Koreen kun walgahii guyyaa kaleessaa December 14/2017 magaalaa Finfinneetti geggeesseen, karooraa fi sagantaa torbee dhufu keessa raawwatuuf baafate kan dhiheesse tahuu VOA’n gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button