header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaAwrooppaaOdeeyfannoo

Mannii Marii Nageenyaa Namoota Seeraan Ala baqattoota imalchiisan irra uggura kaaye

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Marii Nageenyaa namoota Seeraan ala baqattoota Liibiyaa keessatti ukkamsuun gurguratan, uggurri sadarkaa addunyaa akka irraa kaayamu murteesse. Namoota saddeet uggurri irra kaayame jidduu jaha lammiilee Liibiyaa yoo tahan, lama ammoo lammilee Eertiraa tahuu VOA’n gabaase.

Uggurri namoota saddeettan irra kaayame Khamiisa dheengaddaa irraa jalqabee hujii irra kan oole yoo tahu, maallaqni Baankii qaban akka hin sochoonee fi akkasumas sadarkaa addunyaatti akka hin imalleef ugguraman.

Namootni kunniin caasaa yakkaa diriirsuun, baqattoota lammilee Afrikaa ukkaamsanii maallaqa gaafachuu fi gabrummaaf gurguruu akkasumas maallaqa guddaa kafalchiisuun karaa hamaa taheen galaana Meeditraaniyaan irraan gara Awurooppaatti ceesisaa kan turan tahuu gabaasichi ni mul’isa.

Namoota kanneen keessa qondaaltonni waraana Liibiyaa kanneen biyyoota warra dhihaatiin deeggaraman kan keessatti argaman tahuunis beekameera.

UNSC.jpg

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button