AfrikaaOdeeyfannoo
Mootummaan Eertiraa dhimma nageenyaa irratti Itoophiyaa waliin marii jalqabuuf kan murteesse tahuu beeksise
Prezdaant Isaayyaas Afaworqii dhimma nageenya biyyoota lamaanii irratti mariin akka jalqabamuuf dhiheenyatti Jilli qondaaltotaa tokko gara Itoophiyaatti kan ergamu tahuu, Arba’aa har’aa murteessuu isaa Jaappaanitti Ambaasadarri Eertiraa Mr Isxifaanoos gama twiiterii isaatiin beeksise. Prezdaant Isaayyaas Afaworqii dhimicha irratti ummata biyyattiitiif gama Televiziyoonaatiin ibsa kennee jira.
Torbaan lama dura, Itoophiyaan Walgaltee Aljeers haaal duree tokko malee fudhachuun Eertiraa waliin marii jalqabuudhaaf qophii tahuu beeksisuun isii ni yaadatama.