Filannoo Prezdaantummaa Turkiyaa har’a geggeeffameen Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan injifate
Turkiyaan rifarandamii bara dabre geggeessiteen bulchiinsa biyyattii sirna paarlaamentii irraa gara prezdaantummaatti eega jijjiirteen booda, ummanni biyyatti Alhada hardhaa yeroo jalqabaatiif Prezdaantii isaa kallattidhaan filachuudhaaf sagalee kenne. Dabalataanis Filannoon miseensota paarlaamaatis guyyuuma hardhaa kan geggeefame tahuun beekamee jira.
Paartiileen siyaasaa saddeet filannoo kana irratti kan hirmaatan yoo tahu, kaadhimamtoonni prezdaantummaa jaha ammoo waldorgommiif dhihaatanii jiru. Kaadhimamtoota prezdaantummaaf dhihaatan jidduu Mr Muharram Inche prezdaant Rajab Xayyib Erdogaaniif morkataa cimaa ni ta’a jedhamee tilmaame ture. Haata’uu malee filaanichi Injifannoo Prezdaant Erdogaaniin kan xumurame tahuu hogganaan Boordii Filannoo Turkiyaa Mr Sayyid Guvan Ibse.
Bu’aa filaannoo hanga ammatti lakkaa’ameen Prezadaant Erdogaan 53â„… , mormituun isaa Muharram immoo 31 % argatuun injifatame. Bu’aan filannoo kan xumuraa july 5 kan ibsamu tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.