Ulamaa’onni Gurguddoon Baha Oromiyaa keessa jiran Mootummaan Hatattamaan Gaafii Mirgaa Hawaasni Muslimaa kaaseef deebisaa akka keennu gaafatan
Ulamaa’onni kunniin guyyaa kaleessaa June 30/2018 iddoo adda addaa irra walitti dhufaan wal gayuudhaan, Jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti muldhataa jiruutti gammachuu guddaa qabatuu ibsan. Haata’u malee mootummaan hanga ammaatti dhimma hawaasa muslimaa irratti furmaata kaahuu dhabuu isaatiif komii guddaa kan qaban tahuu ibsaan.
Gaaffii hawaasni muslimaa dhiheefataa ture jidduu, majliisni seeraan ala aangoo qabatee ummata irratti saamiicha geggeessaa jiru hawaasa muslimaa waan bakka hin buuneef aangoo akka gad lakkisu kan jedhu yoo tahu, mootummaan gaaffii hawaasa Muslimaa kanaaf kanniin birootiifis hatattamaan yeroo gabaabaa keessaatti deebisaa akka kennuu qabu gaafatan.
Ummanni Muslimaatis mootummaan gaafii kanaaf yeroo gabaabaa keessaatti deebisaa kan hin kennine yoo tahe, Sirna Hajjii bara kanaa akka hin goone akkasumas Jum’aa dhufu irraa kaasee Imaamonni masjiidaa Khuxbaa dhimma kana irratti akka godhuu qaban dhaamsa kan dabarsan tahuun beekameera.
Ulamaa’ota Walgahii kana irratti argaman jidduu
- Sheekh Aadam Tuulaa
- Sheekh Ahmad Watar
- Sheekh Muusaa Su’aalaa
- Sheekh Muhammad Asaboot
- Sheekh Usmaan Durrii
- Sheekh Aliyyii Fallaanaa
- Sheekh Hassan Kombolchaa
- Sheekh Abdullaxiif Haramaayaa
- Sheekh Anwaar
- Sheekh Umar Usmaa’il Awwadaay
- Sheekh Abdussalaam Bokkoo
- Sheekh Mahdii Dadar
- Sheekh Muhammad Ibraahim Kaarramillee
- Sheekh Abdallah Ijiginnaa
- Sheekh Aliyyii Mammadee
- Sheekh Jamaal Hajjii
- Sheekh Jamaal Allee
- Sheekh Jamaal Dakkar
- Sheekh Ibraahim Qumbii
- Sheekh Ahmad Kaliif Gaara Mullataa
- Sheekh Abdul Malik Baabbilee
- Sheekh Ibraahim Burqaa Tirtiraa
- Sheekh Aadam Toofiq Mayyuu
- Sheekh Eeliyaas Baabbilee keessatti argamu.