header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ulamaa’onni Gurguddoon Baha Oromiyaa keessa jiran Mootummaan Hatattamaan Gaafii Mirgaa Hawaasni Muslimaa kaaseef deebisaa akka keennu gaafatan

Ulamaa’onni kunniin guyyaa kaleessaa June 30/2018  iddoo adda addaa irra walitti dhufaan wal gayuudhaan, Jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti muldhataa jiruutti gammachuu guddaa qabatuu ibsan. Haata’u malee mootummaan hanga ammaatti dhimma hawaasa muslimaa irratti furmaata kaahuu dhabuu isaatiif komii guddaa kan qaban tahuu ibsaan.

 

Gaaffii hawaasni muslimaa dhiheefataa ture jidduu,  majliisni seeraan ala aangoo qabatee ummata irratti saamiicha geggeessaa jiru hawaasa muslimaa waan bakka hin buuneef aangoo akka gad lakkisu kan jedhu yoo tahu, mootummaan gaaffii hawaasa Muslimaa kanaaf kanniin birootiifis hatattamaan yeroo gabaabaa keessaatti deebisaa akka kennuu qabu gaafatan.

 

Ummanni Muslimaatis mootummaan gaafii kanaaf yeroo gabaabaa keessaatti deebisaa kan hin kennine yoo tahe, Sirna Hajjii bara kanaa akka hin goone akkasumas Jum’aa dhufu irraa kaasee Imaamonni masjiidaa Khuxbaa dhimma kana irratti akka godhuu qaban dhaamsa kan dabarsan tahuun beekameera.

Ulamaa’ota Walgahii kana irratti argaman jidduu

  1. Sheekh Aadam Tuulaa
  2. Sheekh Ahmad Watar
  3. Sheekh Muusaa Su’aalaa
  4. Sheekh Muhammad Asaboot
  5. Sheekh Usmaan Durrii
  6. Sheekh Aliyyii Fallaanaa
  7. Sheekh Hassan Kombolchaa
  8. Sheekh Abdullaxiif Haramaayaa
  9. Sheekh Anwaar
  10. Sheekh Umar Usmaa’il Awwadaay
  11. Sheekh Abdussalaam Bokkoo
  12. Sheekh Mahdii Dadar
  13. Sheekh Muhammad Ibraahim Kaarramillee
  14. Sheekh Abdallah Ijiginnaa
  15. Sheekh Aliyyii Mammadee
  16. Sheekh Jamaal Hajjii
  17. Sheekh Jamaal Allee
  18. Sheekh Jamaal Dakkar
  19. Sheekh Ibraahim Qumbii
  20. Sheekh Ahmad Kaliif Gaara Mullataa
  21. Sheekh Abdul Malik Baabbilee
  22. Sheekh Ibraahim Burqaa Tirtiraa
  23. Sheekh Aadam Toofiq Mayyuu
  24. Sheekh Eeliyaas Baabbilee keessatti argamu.

Ulamaa'ota Baha Oromiyaa

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button