header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Manni murtii Paakistaan muummicha ministeeraa duraanii irratti Addabbii hidhaa waggaa 10 murteesse

Manni murtii farra malaammaltummaa Paakistaan Jum’aa Kaleessaa muummicha ministeeraa duraanii Nawaaz Shariif hidhaa waggaa kudhaniitiin kan adabe yoo tahu, Nawaaz Shariif fi ijoolleen isaa  biyyoota alaa heddu keessaa qabeenya guddaa akka qaban ibsuu dhabuu isaaniitiin immoo doolaara miiliyoona 10.5 adabamanii jiru.

 

Manni murtichaa intala isaa Maryam Nawaaz hidhaa waggaa torbaatiin, abbaa warraa isii ammoo hidhaa waggaa lamaatiin adabee jira. Haluma walfakkaatuun manni murtichaa kun qabeenya  Maryam Nawaaz fi Abbaan warraa  isii dhoksaan horataniifillee doolaara miiliyoona 2.5  adabee jira. Abbaan alangaa Sardar Muzaffar Abbaasi murtii kana booda ibsa kenneen,  “qabeenyi maatii Nawaaz Shariif harka jiru hundinuu mootummaa Paakistaaniin akka to’aamu murtaayee jira”jedhe. Qabeenyi  maatiin Nawaaz Shariif dhoksaan horatan irraa caalaan Briteen magaalaa London bakka jireenyaaf qaalii ta’e keessatti kan argamu tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

 

Waggaa lama dura dooseen Panama Papers jedhamu qabeenya maatiin Nawaaz Shariif dhoksaan biyya alaatti horate kana eega saaxilee booda, abbaan alangaa fi waajjirri qorannoo biyyattii qorannoo geggeessaa turan. Kanuma hordofuun manni murtii ol’aanaa Paakistaan muummicha ministeera biyyatti Nawaaz Shariif  July 2017         taayitaa irraa kan buuse tahuun ni yaadatama. Shariif fi intalti isaa yeroo ammaa magaalaa London keessatti argamu.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button