header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Yakkamaan waraana Boosniyaa tokkoo mana murtii keesstti summii dhugee du’e.

Ajaja waraana Kiro’aatota Boosniyaa namni ture guyyaa kaleessaa manaa murtii Zeheeg keessatti summii dhugee kan du’e tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Dhaddachi Zeheeg keessatti Yakka waraanaa Boosniyaa ilaalu, jeneraal Islobodan Praljak ajajaa waraana Kiro’aatota Boosniyaa tahuudhaan yakka waraanaa Muslimoota Boosniyaa irratti raawwateen himatamee adabbiin hidhaa waggaa 20 irratti murtaaye, abbaan murtii osoo murtii dubbisaa  jiru summii dhoksaan qabatee seene dhaddachuma irratti kan dhuge tahuun gabaafameera.
Isloboda Praljak yeroo summii kana dhugu mana murtichaatiin “ani yakkamaa waraanaatii miti murtii kana hinfudhadhu , kunoo summii dhugaa jira” jechuun yemmuu lallabu, dhaddachi addaan cituudhaan Mr Islobodaan Pralajak gara mana yaalaa eega geeffamee booda lubbuun isaa kan dabrite tahuu gabaasni Aljaziira irraa argame ni mul’isa.
Manni murtii idil addunyaa Zaheeg, jeneral Isloboda Praljak dabalatee qondaaltota Kiro’aatota Boosniyaa jaha, yeroo waraanaa Bosniyaa bara1992-1995tti yakka ajjechaa akkasumas muslimoota Boosniyaa qe’ee irraa buqqisuu isaanii mirkaneessuun, hunda isaanii hidhaa waggaa 20tiin kan adabe tahuu gabaasni kun ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button