header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Prezdaantiin Naannoo Somaalee Abdi Muhammad Umer taayitaa irraa kaafame.

Itti gaafatamaa Biiroo Bishaan naanichaa kan ture Ahmad Abdi Muhammad yeroodhaaf prezdaantii naannichaa tahuun filatameera. Waraanni makkalaakayaa fi poolisiin Federaalaa gara naannichaa seenuun akka too’atu kan ajajame tahuu ministeerri dhimmoota Kominikeeshiinii Federaalaa Obbo Ahmad Shidee ibse.

Prezdaantiin naannichaa kan ture Abdi Muhammad Umar eessa akka jiru ibsi mootummaa irraa kenname hin jiru. Haata’u malee Akitiivistoonni Somaalee prezdaantichi too’annaa waraana makkalaakayaa jala kan oole tahuu ibsaa jiru.

Abdi Ile

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button