Odeeyfannoo
Iiraaq Kirkira lafaa cimaan dhahamte
Iraaq, Magaalaa Suleymaaniyaa irraa gama Kibba Bahaatti Kirkira lafaa maagnitudii 7.2tti galmaayeen kan dhahamte tahuun beekame. Kirkirri lafaa cimaan kutaa Kurdistaan daangaa Iiraan keessatti uumame kun gandoota saddeet kan barbadeesse tahuunis gabaafameera.
Suuralee fi vidiyooleen magaalaa Suleeyimaaniyaa keessatti yeroo gamooleen hollatan muldhisan, miidiyaalee hawaassummaa adda addaa irratti maxxanfamaa jiru. Kirkira lafaa kanaan hanga ammaatti miidhaan namaa fi qabeenya irra gaye hin beekkamne.