header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muslimoonni Masjiidal Aqsaa akka hin seenne dhoorkaman

Olmaya Falasxiin December 15,2023

Erga waraanni Israa’el xayyaaraa fi Misaa’elaan Gazzaa haleeluu jalqabee guyyaa 70 ta’eera. Hammaachuu malee laaffachuu hin garsiisne. Lammiileen Falasxiin kan Gazzaa keessa jiraatanis ganama harraa haleellaa waraana israa’elii dhagahaa hirribaa dammaqan. Haleellaa magaalaa Raafaah irratti raawwatameen lammiileen nagayaa 10 ta’an ajjeefamuu, tajaajilli oduu falasxiin gabaaseera. Waraanni Israa’el Falasxiinonni gara magaalaa tanaa akka baqatan erga ajajeen booda, magaalaa namoota heddu humna isiitii ol hammattee jirturratti haleellaa raawwachuun gaafii guddaa ta’eera.

Dabalataanis haleellaa magaalaa Khaan Yuunis irratti raawwatameenis namni hedduun miidhameera. Haleellaan kun mana baruumsa baqattootaaf bakka dahannaa ta’erratti raawwatame. Hangi nama miidhamee lakkoofsaan himamuu dhabus, namni hedduu miidhameera.

Gama kaaniin haleellaa fi duulli West Baank irratti taasifamus akkuma itti fufetti jira. Guyyaa kaleessaa mootummaan Israa’el Dirooniidhaan deeggaramuun magaalaa Nablus irratti haleellaa raawwatee ture. Haleellaan kun finciltoota mootummaa mormaa jiranirratti kan xiyyeeffate akka ture himame. Haa ta’u malee haleellaa Kanaan miidhamni lubbuu namaarra hin dhaqqabne.

Preezidaantiin Ameerikaa, Joy Baaydan, mootummaan israa’el lakkoofsa lammiilee nagayaa ajjeefamaa jiran xiqqeessuurratti akka hojjatu gaafatus, Israa’el garuu of duuba hin debine. Haleellaan akkuma itti fufetti jira. Haleellaa haga ammaatti raawwatameen lakkoofsi lammiilee Falasxiin ajjeefamanii 18,700 caaleera. Kana keessaa irra hedduun dubartootaa fi ijoolleedha. Akkasumas Falasxiinonni 50,000 caalan miidhamaniiran.

Mootummaan Israa’el guyyaa arbi’aa halkan irraa kaasee Gazzaa irraa irra deebiidhaan tajaajila intarneetaa fi telefoonaa addaan kuteera. Kanaanis odeeyfannoon saffisaan tamsa’aa akka hin jirre himame.

 

Harri guyyaan jum’aadha. Haa ta’u malee mootummaan israa’el Falasxiinonni magaalaa Al Quds, masjiidal aqsaa keessatti akka hin salaanne ugguree jira. Mootummaan Israa’el waan danda’u hundaan Falasxiinota miidhuudhaaf carraaqqii godhu cimsee itti fufeera. Kabajaa masjiidotaa xiqqeessuudhaaf waan heddu dalagaa jiran.

Guyyaa kaleessaa Magaalaa Janiin keessatti masjiida tokko humnaan weeraruun kopheen erga seenanii booda, Maaykraafoona Masjiidichaa fayyadamuun sirna kadhannaa Yahuudotaa fi dhaadannaa garagaraa lallabaa turan. Akka seera addunyaan irratti walii galtetti yeroo waraanaatitti dhaabbileen amantii fi hawaasummaa eegumsi godhamuufii qaba ture. Israa’el garuu masjiidota hedduu diiguun cinatti, kan jiranis kabajaa xiqqeessuudhaaf waan heddu raawwataa jirti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button