header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Mootummaan Chaayinaa labsii Al-QUDSI magaalaa guddoo Falasxiin jedhu kan deeggaru tahuu ibse

Ministeerri Hajaa alaa Chaayinaa Lu Kang, Kora ariifachiisaa Gamataa biyyoota Muslimaa guyyaa kaleessa magaalaa Istaanbulitti geggeeffame booda haasawa godheen, Beejiing Biyyoonni muslimaa magaalaa Al-QUDSIf xiyyeeffannaa guddaa kan qaban tahuu ni hubbatti jedhe.
Mootummaan Chaayina waliigaltee idiladdunyaa irratti hundaayuun Falasxiin daangaa bara 1967 dura ture irratti magaalaan guddoon isii Alqudsi/Jerusaleem tahuu ni deeggarti jechuun beeksise.
Gamtaan Biyyoota muslimaa kora guyyaa kaleessa geggeeffame irratti Al-QUDSI magaalaa guddoo Falasxiin tahuu beekkamtii keennuun ni yaadatama.
Kang biyyoonni lamaan rakkoo isaan jidduu jiruus karaa nagayaan akka hiikan gaafate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button