header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni murtii Masri namoota 75 irratti adabbii du’aa murteesse

Namoota Sabtii har’aa murtiin du’aa irratti murtaaye jidduu hoggantoonni paartii Ikhwaanal Muslimiin, Gaazexeessitootaa fi aktiivistoonni keessatti argaman. Namootni kunniin fincila Rabaa kan bara 2013 magaalaa Kaayiroo keessatti geggeefamee qindeessuun himataman. Manni murtichaa kun himannaa walfakkaatuun  namoota 47 hidhaa umrii guutuu akkasumas namoota 612 ammoo hidhaa waggoota dheeraa irratti murteesse.

 

Fonqolcha waraanni Masrii prezdaant Muhammad Mursii irratti raawwate hordofuun deeggartoonni Prezdaantichaa 85,000 ol tahan guyyaa 45’f magaalaa Kaayiroo addabaabaayii Rabaa al-Adawiya jedhamu keessatti mormii geggeessaa turan. August 14,2013 humnoonni mootummaa mormitoota kanneen irtratti tarkaanfii fudhataniin, guyyaa tokkotti namoonni 800 ol kan ajjeefaman tahuun ni yaadatama.

 

Ajjeechaa kana hordofuun deeggartoonni Muhammad Mursii fi namootni  kumaatamaan lakkaahaman kanneen fonqolcha mootummaa waraanni biyyattii raawwate morman mana hidhaatti kan darbaman tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Prezdaant Muhammad Mursii murtiin du’aa jalqaba irratti murtaayee ture, gara hidhaa umrii guutuutti jijjiiramee mana hidhaa kan jiru tahuun ni beekama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button