OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Hoggantoonnii fi Waraanni Adda Bilisummaa Oromoo Fulbaana 5 gara biyyaatti kan galan tahuun gabaafame.
Koreen simannaa Addichaa ibsa har’a kenneen akka jedhetti, hogganaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO-Shanee) Obbo Daawud Ibsaa fi hooggantoonni Ol’aanoon, akkasumas waraanni Addichaa 1300 ta’u hidhanno hiikkatuun Fulbaana 5/2011 Eertiraa irraa gara biyyaatti kan galan tahuu ibse.
Walitti qabaan Koree simannaa fi hogganaan Jila addichaa kan dursee gara biyyaatti deebi’ee Obbo Ibsaa Nagawoo miidiyaaleef akka himetti:
“Hoggantootaa fi hidhattoota addichaa Fulbaana 5 biyyatti galan Addabaabayii Masqalaatti Simatuuf qophiin xumuramee jira”jedhe. Fulbaana 7/2011 ammoo, Waltajjiin marii dhaabbilee siyaasaa, hayyootaa fi ummanni irratti hirmaatu kan geggeeffamu tahuu ibsi koree irraa bahe ni mul’isa.