header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Korri Waliigalaa Ulamoota Ityoophiyaa geggeeffamaa jiara

Manni maree dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa guyyaa har’a hundeeffama yaa’ii ulamoota Ityoophiyaa Finfinnee hoteela Giyoonitti gaggeessaa jira. Korri waliigalaa ulamoota Ityoophiyaa kun seenaa biyyattii keessatti kan jalqabaa yoo tahu, ulamoota nannolee fi bulchiinsa magaalota lamaanii dabalatee keessummoonni  affeeraman hedduun irratti hirmaataa jiran.

Kora kana Sheikh Idriis Dagaan Qur’aanaan eega bananii booda, Prezdaantiin majliisa federaalaa Sheikh Hajjii Ibraahiim dhaamsa baga dhuftanii dabarsanii jiru. Sheikh Hajjii Ibraahiim dhaamsa isaanii kanaan, ulamoonni kora kana irratti hirmaataa jiran Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa waliin hojjachuun isaanii, nagayaa fi guddina biyyattii irratti shoora guddaa kan qabaatu tahuu himan. Dabalataanis akka korri kun milkaahuuf qaamota deeggarsa godhan hunda galateefatanii jiru.

Kora har’a gaggeeffamaa jiru kanaan naannoolee hundaafuu ulamoonni ni filatamu jedhamee  eeggama. Kanaan duras haaluma walfakkaatuun hundeeffamni yaa’ii Ulamoota Finfinnee milkaa’innaan geggeeffamuun ni yaadatama.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button