OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli mootummaa Ityoophiyaa muummicha ministeeraatiin durfamu gara Sa’udii imale

Mootummaan Sa’udii Ityoophiyaa fi Eertiraan waldhabdee waggaa 20 ol jidduu isaanii ture karaa nagayaatiin hiikkachuu isaanii kan dinqisiifate tahuu ibse. Itti Gaafatamaan  Waajjira Muummicha Ministeeraa obbo Fitsum Araggaa akka jedhetti, Jilli qondaaltota biyyoota lamaannii muummicha ministeera Dr Abiy Ahmad fi Prezdantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqiitiin durfamu, araara biyyoota lamaanii ilaalchisee sagantaa addaa mootummaan Sa’udii qopheesse irratti hirmaachuuf Sa’udii seenanii jiru. Sagantaa Addaa kana irratti Barreessaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez fi Komishinarri Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqhii kan hirmaatan tahuun beekameera.

 

 

Sagantaa kana sababeefachuun biyyoonni sadeen  dhimmoota akka geejjibaa fi loojistikii, misooma buufataa, turiizimii, hospitaala akkasumas damee teeknoolojii odeeyffannoon irratti wal deeggarsa cimsuuf sadarkaa ministeerotaatti marii eegaluu obbo Fitsum fuula Tiwiitarii isaa irratti ibse.

 

 

Dabalataanis walii galtee Ityoophiyaa fi Eertiraa jiddutti uumame hordofuun carraa invastimantii uumame irratti, muummichi ministeeraa Malik Salmaan fi ilma isaa Muhammad Bin Salmaan waliin mari’achuuf kan saganteeffate tahuun beekameera.

 

 

 

 

Comment

Related Articles

Back to top button