header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Namoonni 364 jeequmsa magaalaa Burraayyuutti ka’e qindeessuun shakkamanii toohannaa jala oolan.

Walitti bu’iinsa dhiheenya kana naannawa magaalaa Buraayyuutti muudateen namoonni hedduun ajjeefamuun qabeenyis saamame jira. Yakka kanaan walqabatee namoonni 364 shakkamanii kan qabaman ta’uu odeeyfannoon Waajjira dhimmoota Komunikeeshiinii mootummaa magaalaa Buraayyuu irraa argame ni addeessa.

Namoota to’anaa jala oolan jidduu 46 yakka ajjeechaatiin kan qoratamaa jiran yoo tahu, kanneen hafan immoo saammicha fi yakka hannaatiin shakkamanii qoratamaa jiran.

Namoota kana waliin meeshaaleen waraanaa akka kilaashii fi shugguxii akkasumas meeshaleen qara qaban heddu kan to’annaa jala oolan yoo tahu, jiraattonni magaalaa Buraayyuu fi dargaggoonni qaamota nageenyaa waliin tahuun qabeenya saamame kan deebisiisaa jiran tahuun gabaafame jira.

Odeeyfannoo birootiin ammoo Poolisiin magaalaa Finfinnee deeggartootaa fi miseensota paartii Gimboot sabaat lama to’annaa jala oolchee jira. Namoonni lameen Obboo Birhaanuu TaklaYaared fi Obbo Makonnin Laggasaa tahuun beekamee jira. Namoonni lameen kunniin Kooree simannaa paartii Gimboot sabaat keessa kan turan yoo tahu, sababaan jarri kun qabamiinf hanga ammaatti hin ibsamne.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button