Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa haalli Liibiyaa keessa jiru hammaataa dhufuu beeksise
Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa Liibiyaa keessatti lolli geggeefamaa jiru bu’uuraalee biyyattii barbadeessaa akka jiruu fi kun immoo kufaatii diinagdee dabalatee gaaga’ama guddaa kan hordofsiisaa jiru tahuu akeekkachiise. Dhiheenya kana walitti bu’iinsa gareewwan hidhattootaa jiddutti babal’ataa dhufeen walqabatee, jireenyi lammiilee Liibiyaa kuma dhibbaan lakkaahamanii balaa hamaa keessa kan gale tahuu gabaasni ICRC ni mul’isa.
Fincila bara 2011 keessa prezdantii yeroo dheeraaf biyyattii bulchaa ture Mu’ammar Gadaafii taayitaa irraa fonqolche hordofuun, Liibiyaan hanga har’aatti jeequmsa hamaa keessa jirti. Lola Liibiyaa keessatti waggaa torba dura jalqabame kanaan, lammiileen biyyattii 500,000 ol tahan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa kan buqqifaman tahuu gabaasni kun ni ibsa.
Waggoota lamaan dabran keesa biyyattiin kan tasgabbaahaa dhufte tahus, lola hamaa geggeefamaa tureen manneen jireenyaa, buufataalee fayyaa, manneen barnootaa akkasumas bu’uuraaleen misoomaaa kanneen akka humna elektirikaa fi bishaan dhugaatii wanta barbadaayaniif, jireenyi lammiilee biyyattii kan gaaga’ame tahuu gabaasni kun ni addeessa. Bara 2011 dura Liibiyaan biyya lammiileen isii badhaadhinaan keessa jiraatan turte.
Liibiyaan yeroo ammaa mootummaa beekkamtii UN qabu kan magaalaa Triippoolii maandheffatee fi Garee miseensota Paarlaamaa magaalaa Tobruk jedhamtu keessa mandheffateen buulaa jirti. Humnoota lamaan gurguddoo Liibiyaa bulchaa jiraniin alattis gareewwan hidhattootaa heddu naannawa adda addaa kan too’atan yoo tahu, qabeenya boba’aa fi buufataalee doonii too’achuudhaaf wal dorggommii godhaniin biyyattiin dirree jeequmsaa taatee itti fuftee jirti.
______
#Liibiyaa