header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jeequmsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti ka’een lubbuun nama 2 galaafatame

Magaalaa Dirree Dhawaa naannawa Qafiraatti guyyaa har’aa jeequmsa gareen “SAATANAWU”jedhee of mooggaase kaase hordofuun, lubbuun dargaggoota 2 poolisii kora bittinneessaa magaalaa Dirree Dhawaaattin galaafatamuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.

Namni Magaalaa Dirree Dhawaa irraa dubbisne akka nuuf himetti:

“Gareen “Saatanawu”jedhee of mooggaase kun yeroo dheeraa magaalattii iddoo gara garaatti saamicha fi ummata dararaa ture, har’a immoo miseensonni garee kanaa naannawa Qafiraa irraa hanga Caati Taraatti jequmsa eega kaasanii booda baqatani, yeroo kanatti Poolisiin Kora bittinneessaa magaalaa Dirree Dhawaa ummata nagayaa irratti dhukaasuun dargaggoota lama rasaasan rukutanii ajjeesan” jechuun nuuf hime.

Jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa kanaan duras, poolisiin kora bittinneessaa magaalattii ummata adda qooduun gama tokkotti goree ummata darara jechuun komataa turan. Haaluma kanaan har’as poolisoonni garee “Saatanaawu”jedhamu deeggaruun tarkaanfi gara jabeenyaa fudhataniin, dargaggoota ajjeefamaniin alattis namoonni heddu miidhamanii gara hospitaalaa kan geeffaman tahuun beekamee jira.

Jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa, Jeequmsi kun waaree booda kan ganamaa irra kan tasgabbaaye fakkaatus, caasaan poolisii kora bittinneessaa magaalaa Dirree Dhawaa hanga jijjiiramutti magaalattiin sodaa jeequmsaa keessaa hin baatu jechuun nuuf himan. Haaluma kanaan galgala kanas magaalattii keessa dhukaasni kan jiru tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

#Dirree_Dhawaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button