header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ayarlaand Falasxiiniif beekamtii guutuu kennuuf qophii tahuu beeksifte

“‹”‹Ministeerri haajaa alaa Ayarlaand Saayman Kovenii Alhada kaleessaa gitaa isaa ministeera haajaa alaa Falasxiin Riyaad al-Almaliki waliin Dabliin keessatti eega mar’ateen booda ibsa kenneen, kana booda marii nageenyaa Falasxiiniif Israa’el jiddutti geggeefamuun Falasxiin biyya walabaa tahuu isii Telaviiv yoo kan hin fudhanne taate, Ayarlaand  Falasxiiniif beekamtii guutuu kennuuf qophiidha jedha.

 

Mr Saayman itti dabaluudhaan “hanga hardhaatti dhimmi beekamtii Falasxiin waliigaltee qaamota lamaaniitiin booda akka tahu filannee turre, mariin itti aanuu milkaaye dhabaatee Ayarlaand Flalaxiiniif beekamtii guutuu ni kenniti, biyyoonni Awurooppaa heddus yaada kana kan qaban tahuu ni beekna”jedhe.

 

Guyyaa dheengaddaa Konfiransii Gamtaa Awurooppaa Austria keessatti geeggefame irratti,  Ministeerri haajaa alaa Ispeen Joseph Borrell, “Gamtaan Awurooppaa Falasxiin biyya of dandeette tahuu isii hatattamaan beekamtii yoo kan hin kennine tahe, Ispeen kophaa isii Falasxiiniif beekamtii guutuu ni kenniti”jechuu isaa gabaasuun keenna ni yaadatama.

 

 

One Comment

  1. wolhi anii kaleessa tokkoo dubbisee hin bohee!

    harr’aa kana yoo arguu gammachuuf waan jedhu dhabee!

    yaa rabbii ummata falsxiin biraa dhaabadhuu!

    yoomiyyuu dhartii hin injifatu!

    in shaa allaah!!!!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button