Walitti Bu’iinsa naannoo Benshaangul Gumuz keessatti uumameen namoonni 72,000 ol qe’ee fi qabeenya Isaanii irraa buqqifaman
Walitti bu’iinsa dhiheenya kana naannoo Benshaangul Gumuz godina Kamaashii jedhamu keessatti uumameen, dhalattoonni Oromoo fi Amaaraa 72,000 ol tahan, kanneen naannicha keessa jiraatan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamanii gara Godinaa Wallaggaatti kan baqatan tahuun beekame. Walitti bu’iinsa kanaan namni 23 kan ajjeefame tahuu BBC’n qondaaltota naannichaa waabeffachuun gabaase.
Namoonni buqqifaman kunniin dhalattoota Oromoo fi Amaaraa godina Kamaashii iddoowwaan akka Yaasoo fi Balo Jigaanfoy jedhaman irraa akka tahee fi dabalataanis daangaa naannoo Oromiyaa godina Wallagga bahaa aanaalee Saasiggaa fi Haroo Limmuu jedhaman irraa tahuu gabaasni kun ni addeessa.
Dhalataa saba Amaaraa qe’ee jiraatu irraa buqqifame amma naannoo 6 aanaa Yaasoo mana fira isaatti qubate tokko argannee dubbisne innis haalli jiru hammaataa tahuu akkana jechuun nuuf hime;
” Nuti baadiyyaa keessatti qotee bultoota, naannoo keennatti keessatti walitti bu’iinsi ka’uu dhageenyee gara magaalaattii baqanne amma mana firaa jirra”jedhe.
Hidhattoonni meeshaa waraanaa hammayyaa hidhatanii ummata irratti miidhaa dhaqqabsiisaa jiran kun daangaa naannoo Oromiyaa aanaa Haroo Limmuu seenuun, aanicha Keessaa nama 5 ajjeesuun 7 kan madeessan ta’uu gabaasni BBC kun ni ibsa.