header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaEeshiyaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Indiyaan Ittisa Misaa’elaa S-400 jedhamu Raashiyaa irraa bituuf walii galtee raawwatte

Prezdaant Vilaadmiir Puutiin walgahii idilee Raashiyaa fi Indiyaan waggaa waggaan waliin geggeessan irratti argamuuf, Khamiisa kaleessaa Indiyaa seene. Walgahichi guyyaa har’aa New Delhi keessatti kan jalqabame yoo tahu, Prezdaant Puutiin muummicha ministeeraa Indiyaa Narendira Modi waliin waligaltee saddeet mallatteessaniiru.

Haaluma kanaan Indiyaan akeekkachiisa Ameerikaa moggatti dhiisuun Ittisa Misaa’elaa S-400 jedhamu doolaara biiliyoona shaniin Raashiyaa irraa bituuf waliigaltee raawwatte. Mootummaan Ameerikaa ‘Yukreen weeraruufi Filannoo Ameerikaa keessa harka naqachuu’ sababaa jedhuun Raashiyaa irra qoqqobbii gurgurtaa meshaa waraanaa kaayee ture. Ameerikaan biyyoota Raashiyaa irraa meeshaa waraanaa bitan kan adabdu tahuu akeekkachiifte.

Haaluma wal fakkaatuun Ji’a dabre keessa Chaayinaan Ittisa misaa’elaa S-400 jedhamu kana Raashiyaa irraa kan bitte yoo tahu, Ameerikaan bittaa kana mormuudhaan Chaayinaa irra qoqqobbii cimaa keette.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button