header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Birgeedar Jeneraal Kamaal Galchuu Hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa tahuun muudame

Birgeedar Jeneraal Kamaal Galchuu Hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa akkasumas Koloneel Abbabaa Garasuu Itti aanaa isaa tahuun muudaman. Birgeedar Jeneraal Kamaal Galchuu waggaa 11 dura cunqursaa mootummaan biyyattii lammiilee irraan gahaa ture mormuun, loltoota raayyaa ittisa biyyaa muraasa fudhatee gara Eertiraa cehuun qabsoo hidhannootti makamuun isaa ni beekama. Haata’u malee Jijjiirama biyyattii keessatti yeroo ammaa dhufe hordofuun waamicha Muummichi ministeeraa godhe fudhatuun, Jeneeraal Kamaal fi Paartiin inni hogganu Addi Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa (ATWO) baatii muraasa dura gara biyyatti deebi’uun isaa ni yaadatama.

 

Dhaabbanni Oromiyaa bulchaa jiru PDO fi ATWO waliigaltee akkamiitiin Jeneraal Kamaal Galchuu akka muude hanga ammaatti wanti ibsame hin jiru. Haa ta’u malee PDO namoota muuxannoo qabanii fi biyya alaa turan iddoowwan tokko tokkotti kan muudaa jiru yoo tahu, torbee tokko dura Gaazexeessaa beekamaa Muhammad Aadamoo hogganaa Dhaabbata Televizhiinii fi Raadiyoo Oromiyaa godhee muuduun isaa ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button