header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sa’uudiin qaama kamiinuu qoqqobbiin yoo irra kaayame kan haloo baatu tahuu akeekkachiifte

Dhabamuu Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjiitiin wal qabatee, Sa’uudiin ibsa gahaa tahe akka kennituuf biyyoota gara garaa irraa dhiibbaan cimaan irratti godhamaa jira. Keessumaayyuu Turkiyaa, Ameerikaa, Briteen fi Faransaay mootummaan Sa’uudii achii buutee Jamaal irratti ragaa gahaa waliin ibsa akka kennuuf cimsanii akeekkachiisan. Sabtii kaleessaa Pezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp Jamaal Khaashoqjii qonsilaa Sa’uudii keessatti ajjeefamuun yoo mirkanaahe “Riyaadiin adabbii hamatuu isii eeggata”jechuun dhaadate. Akeekkachiisa Traamp kana hordofuun gabaan Aksiyoona Sa’uudi guyyaa hardhaa kan gad bu’e tahuu gabaafamee jira.

 

Ejensiin Odeeyfannoo Sa’uudii qondaaltota mootummaa biyyattii eeruun Alhada har’aa akka gabaasetti ammoo “yakka dharaa irratti hundaayuun akeekkachiisni, qoqqobbiin diinagdee fi dhiibbaan siyaasaa biyya keenna irratti godhamu hundi fudhatama hin qabu”jechuun beeksise. Akka gabaasa kanaatti, Mootummaan Sa’uudii adabbii bifa kamiinuu biyya isaa irratti aggaamamu hunda, dachaadhaan haloo kan bahu tahuu akeekkachiise.

 

Jamaal Khaashoqjii October lama qonsilaa Istanbul eega seenee booda achi buuteen isaa kan dhabame yoo tahu, dhaabbilee mirga namoomaa, UN fi biyyoonni heddu Sa’uudiin dhimma kana irratti ibsa gayaa akka kennitu gaafataa jiran. Sa’uudiin ammoo Jamaal qonsilaa Istanbul eega seeneen boda bahee jira jechuun alatti,  ragaa jecha isii mirkaneessu tokkollee hin dhiheessine.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button