header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Urduun (Jordan) waliigaltee lafa qonnaa waggaa 24 dura Israa’eliif kireessitee kan hin haaromsine tahuu beeksiste

Israa’el bara 1994 walii galtee nageenyaa Urduun waliin yeroo mallatteesite dachii humnaan qabattee turte keessaa,  lafa qonnaa  heektaara 405 waggaa 25’f liiziidhaan kireeffattee irraa fayyadamaa jirti.  Lafti qonnaa Israa’el Kiraadhaan hambifatte daangaa biyyota lamaanii bakka lamatti kan argamu yoo tahu,  Al-Baqura fi Al-Ghumar jedhamuun beekkaman.

 

Waliigaltee waggaa 24 dura godhame irratti, Urduun lafa kana deebifachuu yoo barbaadde Ji’a 12 dursitee jechuunis Khamiisa dhufu October 25/2018 dura Israa’eliif beeksisuu qabdi. Haaluma kanaan Urduun guyyaa kaleessaa Ibsa baafteen lafa qonnaa kana deebifachuuf Israa’eliin kan beeksiste tahuu ibsite. Malik Abdallaah Bin Husseen Alhada kaleessaa akka jedhetti, ” Waliigaltee Kiraa Liizii lafa qonnaa Al-Baqura fi Al-Ghumar kan hin haaromsine tahuu Israa’eliif beeksifnee jirra”jedhe.

 

Ibsa Urduun kana hordofuun Mummichi ministeeraa Israa’el yaada kenneen, waliigaltee kana haaromsuudhaaf mootummaa Urduun waliin kan mari’atu tahuu beeksise. Israa’el kana haa jettu malee Ummatni Urduun lafti qonnaa kun gara biyya isaanii akka deebi’uuf mootummaa gaaftaa ture. Dhiheenyuma kana miseensonni Paarlaamaa Urduun 80 ol tahan Xalayaa Malik Abdallaah’f barreessaniin walii galteen kun akka hin haaromfamne kan gaaftan tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Urduun

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button