EeshiyaaOdeeyfannoo
Xiyyaarri Indoneezhiyaa namoota 189 fe’atee ture galaana Jaavaa keessatti kufe

Ejensiin Ittis balaa Indoneezhiyaa akka ibsetti, xiyyarri daandii qilleensa Lion Air jedhamuu, ganama har’aa magaala guddoo biyyattii Jaakaartaa irra gara Iddoola Sumaatraa imaluuf akkauma ka’een, daqiiqaa muraasa booda galaana Jaavaa keessatti kufe.
Qondaaltonni biyyattii Xiyyaarichi lafa irraa ka’ee daqiiqaa muraasa booda to’annaa raadaarii keessaa akka bahe, booda irra ammoo caccabaan Xiyyaarichaa galaana keessatti kan argame tahuu ibsan. Hojjattoonni yeroo balaa bidiruu fi helikoptaraan gara galaana kanaatti imaluun namoonni lubbuun hafan yoo jiraatan baraaruudhaaf kan yaalaa jiran tahuun beekameera. Haa ta’u malee namni balaa kana irraa lubbuun hafe jiraatuu hanga ammaatti wanti beekame hin jiru.

A relative of passengers prays as she and others wait for news on a Lion Air plane that crashed off Java Island at Depati Amir Airport in Pangkal Pinang, Indonesia Monday, Oct. 29, 2018. Indonesia disaster agency says that the Lion Air Boeing 737-800 plane crashed into sea shortly after it left Indonesia’s capital Monday morning. (AP Photo/Hadi Sutrisno)