AwrooppaaOdeeyfannoo
Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad Lammiilee Ityoophiyaa biyyoota Awuroppaa keessa jiraatan waliin mari’ate
Dr Abiy Ahmad daawwannaa hojii biyyoota Awurooppaa keessatti geggeessaa jiruun guyyaa har’aa Jarman magaalaa Frankfurt Istaadiyoomii Komersi Bank Arena jedhamu keessatti, lammiilee Ityoophiyaa kumaatamaan lakkaahaman kanneen biyyoota Awuroppaa garagara irraa dhufaniif haasaya godhee jira.
Lammiileen Ityoophiyaa biyyoota adda addaa irraa walitti dhufanis haala hoo’aa taheen deeggarsa muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmadiif qaban ibsatanii jiru.