“‹”‹Sheikh Jamaal Baddeeysaa (Abuu Saalih) biyya baqaa irraa gara biyyaa galan
Godina Harargee Lixaa magaalaa Baddeeysaa keessatti Imaamaa fi Khaxiiba kan turan Sheik Jamaal Baddeessaa, waggaa 7 dura roorroo mootummaan jalaa dheessuun biyya Ormaa keessa turan. Sheik Jamaal jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti muldhate hordofuun ganama har’aa gara biyyaa galanii jiru. Sheik Jamaal har’a ganama yeroo buufata Xiyyaara Boolee gahanitti Aalima guddaa Dr Jeeylaan Khadiir dabalatee namoota hedduun simatamaniiru.
Sheik Jamaal Baddeeysaa turtii isaanii kan waggaa 7 kanatti Biyya Sa’uudii Maktaba Da’iwaa Rabwaa keessatti kitaabota adda addaa afaan keenyatti deebisuun, akkasumas vidiyoo fi Sagaleen qopheessuun karaa miidiyaalee hawaasaatiin ummata biraan gahaa turan. Dabalataanis yeroo Hajjii hujjaajota biyya keenyaa keessumeessuun tajaajilaa turan.